Mee kitaaba kanaan jecha waaqaati jenna moo kitaaba sharmuuxummaa irraa baratan jennaan?
- Abu akmam

- Nov 7, 2018
- 2 min read
📖✍️✍️✍️Abu Akmam
#share waliif godhaa. kaayyoon barreeyfama kanaa warri akkanumaan ka'ee ragaa tokko malee amantaa namaa arrabsu gara amantaa isaanii akka deebi'aniifi. ========
✍️Akka macaafni jera kiristaanaa barsiisutti dubartoota tokkootu jira tan sharmuuxummaa keeysa dabrtee dhiirti waa itti fakkaachuu diddee harree hawwite. wanni barreeyfamni ja'u waan namattin tolle tahuus obsumaan dubbisaa.
---------- 📖Hisq'el 23:1 dubbiin waaqayyoo gara koo dhufee. 2 Dubartoota haadha tokkorraa dhalatan lama turan. 3 isaan biyya gibxiitti ni ejjan (ni sharmuuxan) isaan joollummaa isaanii irraa sharmuuxummaa eegalan; achitti harmi isaanii ni qaqqabame, mataan harma durbummaa isaaniis in sukkuumame. 8 ejjummaa ishee isa biyya gibxiitti jalqabde hin dhiifne, namoonni yero ijoollummaa isheetti ishee wajjin ciisanii mataa harma durbummaa isheetii sukkuuman, hawwan ejjummaa isaanii ishee irra in dhangalaasan. 10 isaan uffata ishee irraa fuudhanii, qullaa ishee mul'isan.
11 obboleettiin ishee taaniis kana argiteetti; garuu kanuma keessa immoo hawwa isheetiin obboleettii ishee caalaa mancaatee turte; ejjummaan ishees isa kan obboleettii ishee in caala ture. 12 isheeniis immoo dargaggoota warra Asor in hawwite. 14 isheen ejjummaa (sharmuuxummaa) ishee ittuma in dabalte.
16 isheen akkuma dargaggoota Baabilon argiteen isaan hawwite, biyya kaldoonitti namoota isaanitti in ergite. 17 Dargaggoonni Baabilonis dhufanii siree ishee irratti ishee bira ga'an (waliin ciisan) (hubadhaa dargoota hedduudha malee nama tokko qofaa miti, nama 10 /100 tahuu dandaha)
19 isheen garuu isa bara ijoollummaa isheetti biyya Gibxiitti ejjaa turte sana yaadattee, ejjummaa ishee ittuma in baay'ifte. 20 isheen biyya sanatti michoota ishee warra dhagni (qaamni saalaa) dhagna harree fakkaatu (gahu) sanyiin dhagna isaanii keeysaa bahu, sanyii isa kan fardaa fakkaatu ni hawwite. ___________ maal kana qofa wanni nama jibbisiisu kitaaba kana keeysa guutuudhaa.
Obboleeyyan kiyya kan muslimaa dhiifama naaf godhaa! barreeyfama fokkotaa kana post godhuu kiyyaaf.
#Lakkoofsa kitaabaa maaf irra utaalta? ↪️wanniin irra utaaleef barreeyfamaatu namatti dherata ja'eeti, akka namattin dheeranne godhuufi malee waan biraa ittin feene. namni guutuu dubbisuu fetan kitaaba Hisqel 23:1-20 dubbifadhaa.
------------- Wanni namni hundi beekuu qabu, an amantaa namaa arrabsuuf osoo hin taane warra amantaa fokkottuu tana qabatee islaamumaa bareedduu tana arrabsuuf halkaniif guyyaa cinqaman akka gara amantaa isaanii debi'anii if laalaniifi.






Comments